Saturday, July 16, 2022

Sadeen Walirra Hin Jirre

Sadeen Walirra Hin jirre Maalif jedhan?

Gaafa Dhalaa #gabbaranii fuudhan sani.

"Gurbaan tokko akkuma aadaatti inniniis qaadhima kadhatee, gabbaraas warra soddaa nyaachise: Gaalaa, Loon, Re'ee fi Hooloota waan qabufuudhaa fi gabbaratti fixatee fuudhe. #Tanakhaa osoo isaan lukkuullee hin horin jaarsi soddaa intalaa isaa laaluuf dhufee. 

........
...........             
                                     .................



Akka aadaatti jaarsi soddaa hoggaa namatti dhufe, itti qalanii bulchan. #Tanakhaa, gurbaan soddaa waan tahu wallaalee mala dhabe mana duu a garagale dhaabbata. Intalti asuma fuutee gurbaa ollaa sanii kan hin fuudhintu jira kan korbeeyyii qabu, isiidhaa barerdina keessa tokko bira kutuu hin fedhan. 


#Tanakha, #khaatee gurbaa #ollaatti dhayxee yaaboo abbaa kiyyatu natti dhufee ka'i sittiin #heeruma #khana jalaa deemeeti #khorbeessa kana hiraataaf natti #khenni jetteen. 


Tolee! Jedheen lafaa utaalee, duraanuu kajeellarra jira. #Khorbeessa gadhawarraa hiikhee itti #khenne. Isiiniis fuuteeti jaarsa isiitiin "hoodhoo qalaa mee" jetteen. #Kuniis, eessa fedde hin jenneeni, fuudheetuma qalee.



.......... Hiraataaf #khorbeessi ni qalamee. Isiiniis bilcheessitee isaan sadeeniifuu: #Jaarsa isii, #Abbaa fi gurbaa #ollaa dhiheessiteef "nyaadhaa gaa #sadeen walirra hin jirre jetteen." Jedhan irra daddeebitee.


#Tanakha, abbaaniis hayyuudhaan sehaa, warra #soddaa taa'eetuma, gosatti iyyate. 
 
Gosa hunda ni yaamaniif. "#Gosayyoo, intala tiyyaatu hiraata nutti kennitee "#sadeen walirra hin jirree nyaadhaa gaa," jette irra daddeebiteeti mee waan akkana jetteef tana naaf gaafadhaa", Jedheen.

Maal deebifteef intaltii isaa?


Ergasii hoo maaltu tahe?

Adoolessa 12, 2014
Shamshadin M. Umaroo


No comments:

Post a Comment